text
stringlengths 0
196k
|
---|
uumamee fi fedhiiwwan isaanii kan eegsisu dha mormii jedhu fidan. |
Xiinxala seena qabeessa sirna kaappitaalistii yeroo sana jabaachaa dhufe |
irratti kennuun, sirnichi "sirna daldala garbaa" bifa isaa jijjiirrachuun as |
bahe akka ta'e dubbatan. Garaagarummaan gooftaa fi garba gidduu jiru; |
riqichi sirna cunqursaa abbaa lafaa fi warra abbaa lafaatiif qotanii bulan |
(ciisanyaa) wal-quunnamsiisu darbee ce'uun abbaa qabeenyichaa fi |
dafqaan bulaa gidduutti itti fufeera jechuun yaada mormii dhiyeeffatan. |
Akka yaada mormii warra soshaalistii kanaatti, hiikni bilisummaa warra |
libiraalistii dhiphaa fi dogoggora dha. Libiraalizimiin bilisummaa |
"hidhaa namaa irraa bilisoomuu" jedhee yommuu hiiku, soshaalizimiin |
immoo "cedheedha cunqursaa caasaa ijaaramaa ture irraa bilisoomuu" |
jedheetu hiika. Ifaa-ifatti soshaalizimiin xiyyeffannoon isaa sirni gitaa |
hafee addunyaa wal-qixxummaan dhala namaa keessatti mirkanaa'e |
uumuu dha. |
Soshaalizimiin sirni namoonni firii dhama'inaa fi dafqa isaanii namoota |
biraaf akka dabarsanii kennan taasisu barbadaa'uu qaba jedhee amana. |
Sirna garbaa keessatti "garbichi" guyyaa guutuu dhama'aa olullee, firiin |
dafqa isaa gooftaa isaatiif ta'a malee isaaf miti. Haaluma kanaan, |
sooranni "garbichaaf" guyyaa guyyaan kennamu sun akka guyyaa itti |
aanu hojii irratti argamuuf qofaa dha. Hojjetee argachuu fi qixa firii hojii |
isaatiin carraa jijjiiramuu hin qabu. Sirna kaappitaalistiitiinis, gitni |
hojjetaa "amoolee" guyyaa guyyaan arraabamuun ala amalli |
namummaa isaa kan isa gaafatu, hojjetee argachuu fi fedhii |
badhaadhuuf qabu kan isaaf guutu miti. Firii dafqa isaatii iyyuu abootii |
qabeenyaatu jalaa fudhata. Oomisha dabalataa omishus omishuu |
baatus, mindaan isa qaqqabdu "amoolee" dha |
Abbootiin qabeenyaa oomishaaf galtee vvanta ta'u kanneen akka lafaa |
fi kaappitaala abbummaadhaan qabachuu waan danda'aniif firii dafqa |
"garbichaa" fudhachuuf carraa argatu. Haala kana jijjiiruufis sirni |
abbootii qabeenyaaf ajajajamuu fi fayyaduu guutumaan guutuutti |
dhabamsiifamuu qaba ejjannoo jedhu qabatan. Keessummaa |
maddisiistonni yaada soshaalizimii warri jalqabaa kaappitaalizimiin ofiin |
of-danqee of-kuffisuun isaa fi karaa irra ol-ba'een burkutaa'ee gadi |
bu'uun isaa hin oolu jedhanii raajan. Kanaafuu, dafqaan bultoonni |
addunyaa akka wal-cina dhaabbatan akeekkachiisan. |
Abjuun warra soshaalistiis, paartii irree qabeessaa fi dafqaan bultootaan |
hoogganamu hundeessuun, irree cimaan sirna awwaalcha |
kaappitaalizimii saffisiisuu kan jedhu ture. Kunis, sirna abbaa irree |
dafqaan bultootaa yeroof hundeessuun abbootii qabeenyaa balleessuu |
dha. Mootummaan warraaqsa akkanaatiin ijaaramus yaad-rimee |
diinagdee ajajaa hojiirra kan oolchu yommuu ta'u, abbaan qabeenyaa |
humnoota oomishaa qabachuu isaatiin dafqaan bultoota buqqisuun |
akka hin jiraanne mootummaan harka keessa seensisee to'annaa |
gochuu irratti kan xiyyeeffate dha. Yaada kanaan warraaqsonni hedduun |
biyyoota hedduu keessatti akka taasifaman godhe. |
Akka kallattii siyaasaa kanatti warraaqsa cunqurfamtootaatiin |
yeroodhaaf mootumman abbaa irree uumamuu ol-aantummaa abbootii |
qabeenyaa balleessuun sirna lammiileen hunduu ittiin wal-qixxaatan |
uuma. Yaadni kun biyyoota seenaa Awurooppaa irraa adda ta'e qabanii |
fi industiriin itti hin babal'annetti (fakkeenyaaf, Eeshiyaatti) akka hojjetu |
taasisuuf sirna oomishaa kaappitaalizimiin duraa yookiin irra caalaan |
haala qonnaan bultootaa waliin wal-qabsiisuun xiinxaluuf yaaliin ni |
taasifame. |
Kaappitaalizimiin akka ilaalcha wal-faallessaa libiraalizimiinis ta'e |
soshaalizimiitiin tilmaamame hin taane. Warri libiraalizimii akka |
eeganitti namoota hunda (yookiin yoo xiqqaate harka caalaa) |
fayyadamaa taasisuu hin dandeenye. Warri soshaalistii akka raaganitti |
of-danqee of hin kufisne. Sirumaa yommuu miini dheedhii fi gabaan |
jalaa hanqatu addunyaawwan haaraa abuuruun babal'achuusaa itti fufe. |
Haaluma kanaanis, yaadonni soshaalizimii fi libiraalizimii keessa turan |
babal'achuu isaanii itti fufan. Haaluma kanaanis, yaadonni soshaalizimii |
fi libiraalizimii keessa turan filannoowwan biroos maddisiisuu eegalan. |
Wal-riguun kallattiiwwan siyaasaa soshaalizimii fi libiraalizimii gidduutti |
taasifame, "bilisummaa" fi "wal-qixxummaa" akkamitti walitti araarsina |
gaaffiin jedhu akka mul'atee ba'u taasise. Gama tokkoon mootummaan |
"hojiin kee si haa baasu" jedhee guutumaan guutuutti gabaa keessaa |
harka isaa sassaabbatee ba'udhaan taa'ee haa ilaalu yaadni jedhu sun |
bu'a-qabeessa akka hin taanee fi fooyya'insi hanga tokko taasifamee |
mootummaan to'annaa taasisuu akka qabu, qama biraatiin immoo |
mootummaan gabaa cafaqee harka isaa keessatti qabachuun |
bilisummaa namoonni hojjetanii badhaadhuurratti qaban irratti miidhaa |
kan fiduu fi walumaagalatti, misooma kan sakaalu ta'uun isaa bal'inaan |
fudhatama argate. Rakkoowwan hojjettootaa kanneen hir'isan kanneen |
akka gamtaa hojjettootaa, umurii sooramaa, sa'aatii hojii fi kaffaltii gad |
aanaa murteessuu fi kkf jabaachaa deeman. Xiyyeeffannaan biyyoonni |
bilisummaaf kennan sadarkaan dimookiraatummaa isaanii akka biyya |
mootummaa abbaa-irree yookiin mootummaa dimookiraatawaatti akka |
waamaman isaan taasisaa dhufeera. Gama biraatiin, xiyyeeffannoon |
biyyoonni bilisummaaf akka waliigalaatti kennan jireenya gadadoo |
lammiilee fi gaaffii itti fayyadamummaa haqa-qabeessa ta'e hiikuurratti |
kaka'umsi qaban kan ittiin madaalamu ta'eera, Biyyoota toora dimookiraasiitti ramadaman addaan baafannee |
xiyyeeffannoo isaan wal-qixxummaaf kennan yoo ilaalle, kallattii siyaasa |
isaanii waliigalaa nu agarsiisa. Libiraalistoonni jireenyi gadadoo |
lammilee kan furmaata argatu badhaadhinni waliigalaa yommuu |
dhufudha jedhanii amanuu. Kanaafis, itti gaafatamummaa nageenya |
hawaasummaa mirkaneessuu lammileedhumaaf kennuun itti fayyadama |
wal-qixxeef xiyyeeffannoo gad-aanaa qabaachuu isaanii mul'isaniiru. |
Biyyoonni kunniin hojii nageenya hawaasummaa isaanii keessatti |
xiyyeeffannaan isaanii inni guddaan dhimma lammilee balaaf |
saaxilamaniif deeggarsa taasisuu malee dhimmi itti fayyadamummaa |
wal-qixaa hagana kan isaan dhiphisu miti. Xiyyeeffannoon isaanii inni |
guddaan kennaa deeggarsaa warra rakkataniif dhiheessuu irratti kan |
hundaa'e dha. Kennaa deeggarsaarra furmaanni guddaa rakkoo |
nageenya hawaasummaa hiiku gabaa dha jedhanii amanu. |
Gama biraatiin, biyyoonni aadaa biyyaa jabeessan (conservative) |
jedhaman nageenya hawaasummaa lammiileef xiyyeefannaa hanga |
tokko kennuun sirna wabii adda addaa diriirsaniiru. Sirnoonni wabii |
kunniin gumaacha lammilee irratti kan bu'uureffatanii fi qixa hojjetoonni |