text
stringlengths 0
196k
|
---|
isaaniifis haa ta'uu jijjiiramaaf cufaa ta'u. Qofummaan galtee jijjiiramaa |
naannoo keenya irraa argannu waan dhaabu jijjiirama gad |
deebi'ummaa keessa galla. Sababa kanaanis, bu'aan qofummaa inni |
dhumaa baduu dha. |
Gama biraatiin, namoonni hariiroo hawaasummaa isaanii keessatti wal |
tumsuun isaanii gaafa jabaachaa dhufu, miira hanqina isaanii waan |
guutu akka salphaatti waan argataniif miirri guutummaa isaanii |
jabaachaa dhufa. Deebiin "tole" jedhu naannoo isaanii irraa argatan of |
dagachiiseenii ofitti amanummaa "wanti hundumtuu harka keenya |
keessa jira" jedhuun miirri hanqinaa isaanii ni bada. Miirri guutummaa |
kun hanqina isaanii guutuuf asiif achi fiiguurra naannoo isaanii fi |
jijjiiramaaf cufaa akka ta'an isaan taasisa. Miirri guutummaa isaanii kun |
yaada "naannoo keenya irraa homaa hin barbaannu" jedhu keessa isaan |
galchuun qofummaa keessa galu. Kunis, jijjiiramaaf cufaa nama taasisa. |
Wal-morkii fi wal-tumsi inni tokko isa biraa irra jabaachaa yoo dhufe, |
hanqinni qofummaa adeemsa naannoo waliin wal-quunnamuu addaan |
kuta. Hanqina qofummaa guutaa deemuu fi jijjiirama guddina irratti |
hundaa'e fiduuf wal-morkii fi wal-tumsi dhimmoota barbaachisoo dha. |
Jireenyi wal-morkii hin qabne garaa of ga'uuf dhihoo waan ta'eef |
jijjiiramaaf cufaa nu taasisa; kanaafuu, qofummaaf nu saaxila. Gama |
biraatiin immoo jireenyi wal-tumsuu hin qabne wanta garaa nama ga'u |
waan hin qabneef abdii kutachuu keessa nu galchuudhaan jijjiiramaaf |
cufaa akka taanu nu taasisa; kunis qofumamaaf nu saaxila. |
Hanqinni qofummaa wal-morkii fi wal-tumsuu gidduu madaalliin qixa |
ta'uu dhiisuu isaatiin wal-morkii irraas ta'e wal-tumsuu irraa duubatti |
akka jennu haala nu taasisu dha. Kana jechuunis, wal-morkiin yommuu |
jabaatu yookiin wal-tumsuun yommuu jabaatu hariiroon namoonni |
naannoo isaanii waliin qaban addaan cita. Hanqinni qofummaa sirna |
hawaasummaa namootaa keessatti hariiroowwan sirnoota xixinnoo |
gidduu jiru murteessuun ijaarama hawwasummaa murteessa. |
Namoonni yookiin sirnoonni qunnamtii isaan sadarkaa maatiin, ollaan, |
hawaasaan, biyyaan, ardii fi addunyaa keessatti uuman hundi adeemsa |
hanqina qofummaa keessa darbanii kan guddatan yookiin kan tortorani |
yookiin badani dha. |
Sirnoonni hanqina qofummaa keessaa ba'uun gara guutummaatti |
dhiyaachuuf naannoo isaanii waliin quunnamtii taasisuu yookiin |
qofummaa isaaniitti citanii hafuun tortoranii baduu dha. Sirnoonni |
imaalli isaan gara guutummaatti taasisan itti fufinsa quunnamtii |
naannoo isaanii waliin qaban eeguun gara sirna haaraa guddaatti isaan |
guddisa. Daandii kanaan sirnoonni xixiqqoo hanqina qofummaa isaanii |
keessaa lakkoofsa bahaa dhufaniin naannoo isaanii waliin yookiin |
waluma isaanii waliin wal-harkisuun gara sirna guddaatti jijjiiramu. |
Adeemsa qunnamtii wantoota xixxiqqoo irraa wantonni guguddoo |
uumamuu kana 'taatummaa' jennee waamna. |
Akkaataan uumama wanta hundumaa walitti qabama wantoota |
xixiqqoo irraa kan dhufe dha. Uumamni kan dhugoomte wantoonni |
xixiqqoo walitti sassaabamanii wantoota guguddoo waan uumuu |
danda'anii fi Gamtaa guguddoon dhalli namaa har'a hundeesse |
ijaarsota maatii fi gosaa irraa ka'uudhaan as gahan. Filannoon sirnoonni |
qaban yookiin guddachaa jiraachuu isaanii mirkaneeffachaa deemuu, |
yookiin immoo xinnaachaa badii isaanii mirkaneeffachaa deemuu dha. |
Guddachaa fi jiraachuu isaanii mirkaneeffachaa gara guutummaatti |
imaluu isaanii fi eenyummaa guddaa keessatti of ibsuu isaaniitiin |
taatummaa jenna. Taatummaan guddina keessa adeemsa jiraachuu ofii |
mirkaneeffachaa dhufuu dha. Taatummaan kan dhufu waantonni |
sassaabamaa, kuufamaa fi horaa gaafa dhufani dha. Adeemsa kanaani |
dha egaa ida'amuu kan jennu. |
Wiirtuun qo'annoo fi qorannoo Itoophiyaa galmee jechaa bara 1993 |
qopheesse keessatti, jechi ida'amuu jedhu jecha hundee 'ida'ama' jedhu |
yookiin 'ida'e' xumura jedhu irraa kan argame ta'uu isaa ibsa. Haaluma |
kanaan, 'ida'e' jechuun "walitti qabe, kuuse, sassaabe, bakka tokkotti |
qabe" hiika jedhu nuuf kenna. Haaluma wal-fakkaatuun, hiikni jechaa |
Alaqaa Dastaa Taklawaldis "sassaabe, walitti qabe, kuuse, bakka tokkotti |
guure, tokkummaan dhaabachiise, mare" jedheetu hiika. |
Taatummaa uumaa jiraachuu keenya eegsisuuf yaada keenya, maallaqa |
keenya, beekumsa keenya, hojii keenya, jireenya keenyaa fi kkf, |
walumaagalatti sassaabuu, kuusuu fi horachuu nu barbaachisa. |
Ida'amuu kan jennu fedhiidhaan adeemsa kana keessa of-dabarsuu fi |
taatummaa mirkaneessuudhaani. |
Sassaabamuu yommuu jennu, isa bittinaa'e gara tokkotti fiduu jechuu |
yommuu ta'u, yaada ida'amuu keessatti ida'ama dalgaa ilaallata. Kana |
jechuunis hojiiwwanii fi yaadata kaleessaa irratti hojiiwwanii fi yaadata |
har'aa dabaluu jechuu dha. Wantoota yeroo hundumaa akka haaraatti |
jalqabuurra, wanta jiru irratti dabaluu ilaallata. |
Sassaabuun yaadata har'a jiran wal-qabachiisuu yommuu ta'u, kuusuun |
immoo yaadata kaleessaa irratti kan har'aa dabaluu jechuu dha. |
Adeemsa kana itti fufiinsaan raawwachuuf human yookiin kaappitaala |
ka'umsaa taatummaatti nama geessu kuufachuun immoo horachuu |
jedhamee waamamuu danda'a. Kanaafuu, ida'amuu yommuu jennu |
akkasumatti yoo cal'ifnee dhiisne jiraachuu keenya wanta balaarra |
buusu, hanqina qofummaa suuta suutaan tortoraa akka bannu nu |
taasisu, haaluma kanaanis taatummaa keenya mirkaneeffachaa |
jiraachuu keenya mirkaneeffachuu akka dandeenyuuf daandii |
kaappitaala ka'umsaa siyaasaa fi diinagdee ittiin horachuu dandeenya. |
3.2. Kaappitaala Ka'umsaa Horachuu |
Hiikni jecha Afaan Amaariffaan "weret" jedhuu maallaqa yookiin |
kaappitaala daldala jalqabuuf nama dandeessisu jechuu keenya. Akka |
yaada ida'amuutti "weret" yommuu jennu "humna ka'umsa waliigalaa" |
yookiin "kaappitaala ka'umsaa" sochiiwwan gama siyaasaa fi |
diinagdeetiin taasifnu milkeessuuf nu barbaachisu jechuu dha. |
Milkoominaa imala dhala namaa fi guddina hawaasummaa keessatti |
jalqabbiin yookiin ka'umsi isaanii murteessaa dha. Jalqabbii gad-aanaa |
irraa kan eegalu yoo ta'e, carraaqiin isaa itti aanu wal-xaxaa fi rakkisaa, |
imalli isaas imala abjuu ta'uun isaa hin oolu. Hojiiwwan baay'ee fi |
kuufamoo kaleessa hin hojjetamne yoo jiraatanii fi har'as hojicha qofaa |
kan hojjennu yoo ta'e, ka'umsi gad-aanaa jijjiiramaa baay'ee xiqqoo |
waan ta'uuf, saffisaan jijjiirama fiduun rakkisaa ta'a. Haa ta'u malee, |
kaleessaa irraa kaappitaalli ka'umsaa horataman yoo jiraatanii fi har'as |
yaadonnii fi hojiiwwan yoo sassaabamaa deeman, isaan irraa ka'uun |